ONM-ABO Sadaasa 29, 2023
Haaluma kanaan Sadaasa 27, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Walgayii Bubbukaatti ganama bariin kan deeman waraanni faashistii PP, qabeenyaa namootaa saamuun abbootii qabeenyaas hidhuu maddeen himan.
Namootni qabeenyi isaanii saamamee qabeenya isaanii waliin hidhaman kunneen maqaan isaanii; Waaqjiraa re’ee 4 fi sangaa 1, Solomoon sangaa 1, Shuumaa sangaa 1, Habtaamuu doqdoqqee 2, Mitikkuu doqdoqqee 1, Dassaalee doqdoqqee 1, Dassee doqdoqqee 1 fi Baabbushaa doqdoqqee 1 ta’uun barameera.
Namoota kanneen qabeenyaa isaanii waliin guyyaa tokkoo fi halkan tokko achuma ganda Walgayii Bubbukaa mana barumsaa keessatti hidhanii bulchuun warra kaan qabeenyaa irraa dhuunfachuun kaleessa Sadaasa 28, 2023 yoo gadi dhiisan, namoota sadii; Habtaamuu, Dassee fi Waaqtolee Dhinaa qabeenyaa malee akkasumaan kan hidhame fuudhanii deemuun Waajjira Poolisii Aanaa Sayyootti hidhan. Kana malees re’oota saaman sana illee achuma mana barumsaa Walgahii Bubbukaatti qalatanii nyaachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.

