• Sun. Mar 15th, 2026

WBOn aanaa Qarcaa keessatti diina du’aa fi madoon adabe

Dec 2, 2023

ONM-ABO Muddee 2, 2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa Konyaa Gujii Lixaa Humni Furgaatuun Gujii Lixaa kaleessa Muddee 01/2023 guyyaa keessa sa’a 11:30tti aanaa Qarcaa ganda Xuuxaa iddoo addaa Corroqoo jedhamutti tarkaanfii lukkeelee diinaa irratti fudhateen hedduu du’aa fi madoo dandammii hin qabneen adabee jira.

Tarkaanfii laaleessaa kanaan humna diinaa irraa qawwee AKM 2, hidhannoo 2, gumbii 8, uffataalee garaagaraa fi galmeelee irraa hiikuun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchee jira.

Lolli bilisummaa itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading