• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Martii keessatti waraanni faashistii PP namoota afur mana hidhaa baasuun ajjeese

Dec 3, 2023

ONM-ABO Muddee 3, 2023

Gareen maafi’aa PP uummata Oromoo qorqalbii cabsanii bulchuuf duula waraanaa tooftaa godhatanii hojjechaa jiran torbee darbe Sadaasa 27/2023 godinaa Arsii bahaa aanaa Martii keessatti namootaa nagaa ajjeesuu fi hidhuun uummatatti jireenya hadheessaa turuu jiraattotni himan.

Sadaasa 27n dura namootaa nagaa hedduu isaanii badii tokko malee mana hidhaatti guraanii dararaa turan keessaa namoota 4 mana hidhaa aanichaa magaalaa Abboomsaa keessaa baasuun rasasaa itti roobsanii ajjeesan.

Namoota ajjeefaman keessaa kanneen maqaa isaanii arganne Gosaa Jambaa dhalataa aanicha kana ganda Wataroo Dinoo yoo ta’u, Muraad Jamaa Elemoo ganda Danbaqaa Iftuutti dhalatee guddachuun yeroo dheeraaf aanicha keessa kana tureedha.
Kanneen eenyummaan isaanii barame malee namootni lama kan yeroof eeyummaan isaanii bira hin gaa’amne jiraachuu jiraattotni himan.

Waraanni faashistii PP kun aanaa Martii keessatti ajjeechaa, hidhaa, qabeenya saamuu fi manneen gubuu hojii idilee godhachuun hojjechaa kan jiran yoo ta’u, gocha badii isaanii kana kutaalee Oromiyaa garaagaaraa keessatti murni abdii kutatee fi maqaa Oromummaan aangootti dhufee siyaasa daldalaa jiru uummata Oromoo afaan qawween sodaachiise akka ofii fedhettii bulchuuf ajjeechaan inni lubbuu qulqullootaa irratti raawwaachuun gadaa aangoo isaa dheereffachuuf tattaaffataa jiru hin milkaa’u jechuun yaada isaanii kan nuuf qoodan jiraattoota aanaa Martiiti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading