ONM-ABO Mudde 4, 2023
Waraanni murna bilxiginnaa hordoffii hin qabnee fi akka barbaadanitti dhuganii machaa’uun akkasuma kopha kopha deemuun akka feetee jiraatan, hawaasa nagaa irratti gochoota jibbisiisoo ajjeechaa fi saamicha raawwachuun hawaasa gidirsaa jiru.
Waraanni aangoo nama dhuunfaa eeguuf baayinaan leenji’an kunneen lafa socho’an cufatti akkuma barbaadanitti rasaasa dhukaasuun hawaasa miidhaa kan jiran yoo ta’u, kibba lixa Shaggar aanaa Tolee magaalaa Baantuu keessatti guyyaa dheengaddaa Muddee 2, 2023 dargaggoo maqaan isaa Kiyyuu Addunyaa jedhamu nama gaarii oofuun jiraatu hidhattootni kunneen rasaasaan harka isaa keessa rukutuun maddeessanii jiraachuu jiraattonni himu.
Dargaggoon kunis yeroo ammaa hospitaala magaalaa Baantuu keessatti yaalamaa akka jiru dubbachuun, dargaggoon kunis balleessaa qabaatee osoo hin taane Oromummaa isaa qofaaf yakkamuun akka rukutame himu.
Akkasuma godinichuma aanaa Daawoo ganda Dheeraa Ilaansoo keessatti obboo Guddisaa Gonfaa jalaa gaafuma Muddee 2, 2023 maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggarta jedhuun mi’a mana keessaa dabalatee mana tokko jalaa gubuun barbadeessanii jiru jedhu.
Ganda Goraa Rogee keessattis gaafa Sadaasa 30, 2023 maqaa waraana bilisummaa Oromoo waliin walitti dhufeenya qabdu jedhuun namoota nagaa maqaan isaanii Masfin Gurmuu fi Geetuu Kabbadaa jedhaman mana isaaniitii qabuun mana hidhaa galchanii dararaa jiru jedhu.
Aanicha keessatti dhiheenya kana maqaa waraana bilisummmaa Oromoo dawoo godhachuun kaabinoonni aanichaa aangoo of harkaa qabanitti fayyadamuun haaloo hawaasa nagaa irratti bahaa jirus jedhan.

