ONM-ABO Mudde 5, 2023
Balaa akka sabaatti ilmaan Oromoo irratti aggaamamee jiru of irraa qolachuuf waraanni bilisummaa Oromoo qabsoo jabaatti Kan jiru yoo ta’u, waraana bilisummaa Oromoo da’oo godhachuun murni PP ilmaan Oromoo guutuu yakkamaa gochuun yeroo ammaa saamicha, hidhaa fi ajjeechaa daran jabeessaa jira.
Akkuma kanaanis lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu keessatti hidhaa fi doorsisni jabaachuu Kan himan maddeen, Sadaasa 30, 2023 namoota 6 yakka tokko malee bulchiinsa magaalaa Goorii Keessaa mooraa waraanaatti galchuun dararaa turan keessaa, namoota sadii gadhiisuun namoota 3 ammoo mana hidhaatti hambisanii dararuu kan itti fufan yoo ta’u, maqaan dargaggoota hidhamanii jiraniis Gammachiis Bantii, Milkiyaas Salbaanaa fi Qaqqabaa Habtamuu Kan jedhaman ta’uu jiraattotni himan.
Nagaa waaraa fi bu’aa diinagdeef hawaasummaa jabeessee Impaayeratti keessatti fala fiduu irra koloneel Abiy Ayimad aangoo siyaasaatiif jecha namoota nagaatti maqaalee garaagaraa maxxansee sobaan duguuggaa sanyii akkasumas jiruuf jireenya ilmaan Oromoo mana hidhaa gochuun hawaasicha dadhabsiisaa jira.


