ONM-ABO Mudde 5, 2023
Bilxiginnaan qabsoo uummanni Oromoo mirga isaa gonfachuu godhu salphisee ilaaluun firii qabsichaa yeroo bute irraa kaasee lubbuu ilmaan Oromoo qaalii yakkaa fi sababoota ga’aa tokko malee waraana isaa itti bobbaasuun haalota adda addaan baasaa jira.
Bifuma kanaanis sanbata dheengadda Mudde 3, 2023 konkolaachisaan paatiroolii sirna gabroomfataa PP oofu tokko, aanaa Gumbii Bordoddee magaalaa Bordoddee irraa ka’ee osoo gara aanaa Mi’eessoo deemaa jiruu, bakka addaa Dirree Qaalluu jedhamutti baajaajii hawaasaa irra baasuun namoota lama Kan maqaan isaanii Diinoo Huseenii fi Osaamaa Huseen jedhaman battalumatti lubbuun Kan baate yoo ta’u, konkolaachisaan baajaajii Kan maqaan isaa Saadaam Mohammed jedhamu irraa miidhaa cimaan dhaqqabuun beekame.
Dargaggoon Saadaam yeroo ammaa miidhaa jabaa irra ga’een hospitaala guddaa Adaamaatti yaalama akka jiruu fi miidhamuu namoota kanneeniif qaamni birmateefis, eenyuuttis akka himatan wallaaluun lubbuun namoota kanneenii gatii tokko malee karaa waraana faashistii PP ba’uun beekamera.


