ONM-ABO Mudde 6, 2023
Hidhattootni lubbuu namaa fi beelladaaf hin yaadnee fi naasuu hin qabne kanneen teessuma nama tokkoof jecha akka barbaadanitti socho’an kunneen haadha hiyyeessaa lubbuu galaafachuun qabeenyaa hawaasaas yeroo ammaa Oromiyaa bakkeewwan hedduutti mancaasaa jiru.
Mudde 1, 2023 lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Gagoo Osolee keessatti hidhattootni murna bilxiginnaa meeshaa waraanaa gurguddaa kanneen akka ZU-23 fi Moortera hawaasa nagaa irratti dhukaasaniin haadha ijoollee saddeetii kan taate aaddee Dinqii Tolasaa jedhamu ajjeesuun horii gaanfaas galaafatan.
Aaddee Dinqii akka hin awwaalamne gochaa turan jechuun, bakkuma sanatti sangoota lamaa fi sa’a jabbii hoosiistu tokkos ajjeesuun, midhaan hawaasa hedduus jalaa gubuun barbadeessan jedhu.
Aanaa Jalduu ganda Falloo iddoo addaa Bocaa jedhamuttis Mudde 21, 2023 Zabanuu Daffaar jalaa mana jireenyaa tokko mi’a mana keessaa dabalatee jalaa gubanii yoo barbadeessan Tamasgeen Addunyaa jalaa ammoo sangaa tokkoo fi qarshii kuma digdama jalaa saamanii deemun sangichas achumatti qalatanii nyaatan jedhu jiraattotni ONM dubbise gandichaa.
Aanota lameen kana keessatti ajjeechaa jumlaa dabalatee hidhaan daangaa hin qabne guyyaa irraa gara guyyaatti geggeefamaa jira kan jedhan jirattota aanoota kanneeniiti.




