• Wed. Nov 25th, 2026

Gootichi waraana Bilisummaa Oromoo lixa Oromiyaa godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessatti diina irratti tarkaanfii fudhachuu beeksise

Dec 6, 2023

ONM-ABO Sadaasa 6, 2023

Korommiiwwan abdii sabaa waraanni bilisummaa Oromoo lixa Oromiyaa keessa socho’u diinaaf lukkeelee diinaa irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhachuun beekame.

Haaluma kanaan gootichi abdii sabaa waraanni bilisummaa Oromoo lixa Oromiyaa godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Baloo Bareedaa keessaatti lola hidhattoota murna bilxiginnaa waliin guyyaa kaleessaa jechuun Muddee 5, 2023 taasisee ooleen injifannoon goolabuu beeksise.

Lola kanaanis humna diinaa irraa 80 ajjeesuun, 43 madeessee, torba ammoo fayyaatti booji’ee jiraachuun  meeshaalee waraanaa AKM 64 fi rasaasa AKM 4000 ol dabalatee hidhannoo waraanaa hedduu irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.

Humna diinaa maqaa sakkattaa’an  bobbaatee kanas meeshaalee hedduu gachisiisuun bakka irraa dhufteetti haala gaariin keessummeessuun deebisee jira.

Lolli WBOn hiree ofiin murteeffannaa uummata Oromoof taasisaa jiru cimee kan itti fufu ta’a.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply