• Tue. Nov 24th, 2026

Itti aanaan ajajaa waraana Raashiyaa Yukireen keessatti ajjeefamuu Aljazeeraan gabaase 

Dec 7, 2023

ONM-ABO Mudde 6,2023

Akka gabaasni Aljazeeraa irraa arganne ibsutti itti aanaan ajajaa waraana 14ffaa Raashiyaa Meejar Jeneraal Vilaadimir Zavadiskiy Yukireen keessatti ajjeefamuu qondaalli olaanaa naannichaa mirkaneesseera.

Akka bulchaan naannoo Raashiyaa Voroneezh Aleeksandar Guseev jedhanitti  Zavadiskiyiin “bakka lolaa naannoo hojii addaa” keessatti du’e, jechuun ibsa dabalataa osoo hin kennin  Wiixata dheengaddaa dubbataniiru. 

“Opereeshiniin waraanaa addaa” jedhu jecha Raashiyaan waraana Yukireen keessatti Guraandhala 2022 jalqabee  raawwatame ibsuuf itti fayyadamtu dha.

Guseev Zavadiskiiy’f kabaja kan kenne yoo ta’u, “qondaala ija jabeessa, jeneraala dhugaa fi nama dansaa” jedheera.

Duuti Zavadiskiy’ kun meejar jeneraalota torbaffaa gama Raashiyaa irraa du’an ta’uun kan galmaa’e yoo ta’u, erga waraanni kun jalqabee qondaala olaanaa du’uun isaanii gabaafame 12ffaa ta’uu miidiyaan oduu qorannoo stories gabaaseera. 

Lolli Yuukireenii fi Raashiyaa gidduutti kan itti fufe yoo ta’u, Kibxata kaleessaa aangawoonni Yukireen akka gabaasanitti, waraanni isaanii diroonii haleellaa Raashiyaan halkan tokkotti furguggifte 17 keessaa 10n milkaa’inaan kuffisuu isaanii dubbachuu gabaasni Aljazeeraa irraa arganne ni addeessa.

Leave a Reply