• Sun. Jan 11th, 2026

Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa-Jaartee keessatti Finxaaleyyiin Amaaraa Haadha tokko ajjeesuun nama lama achi buutee dhabamsiisan

Dec 8, 2023

ONM-ABO Muddee 8, 2023

Finxaaleyyiin Amaaraa yeroo garaa garaatti Godina Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga bahaa keessatti uummata nagaa ajjeesaa, qe’ee irraa buqqisaa fi qabeenya uummataa saamaa akka turan irra deddeebiin gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Gochuma kanaanis, Guyyaa kaleessaa jechuun Muddee 7, 2023  Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa-Jaartee Ganda Dargee Kootichaa iddoo addaa Caatoo jedhamutti finxaaleyyiin Amaaraa nama maqaan ishee aaddee Kumashii Dhugaasaa jedhamtu irratti ajjeechaa raawwachuu jiraattotni himan.

Aaddee Kumashiin dubartii hojii qonnaa naannicha keessatti hojjechuun of jiraachiftu yoo taatu, Guyyaa kaleessaa buna funaannachuuf ilma ishee Kennaa jedhamuu fi nama maqaan ishee Warqii jedhamtu waliin  gara bosona Caatootti deemaa osoo jiranii finxaaleyyiin Amaaraa dubartii kana irratti ajjeechaa raawwachuun, ilma ishee Kennaa jedhamu kanaa fi nama Warqee jedhamtu kan waliin turan ammoo achi buutee dhabamsiisuu jiraattotni bakkichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading