ONM-ABO Mudde 9, 2023
Murni biyya Oromoo keessa jiraatee uummatichaa fi afaan isaa bare duubaan waraana mataa isaa ijaarrachuun Oromoo cabse, garee waraanaa namaaf naasuu hin qabne leenjisee bobbaasuun dachee Oromiyaa irratti saamicha, hidhaa fi ajjeechaa labsuun ilmaan Oromoo goolaa jira.
Haaluma kanaanis hidhaan jiraattota godina Arsii bahaa aanaa Nageellee Arsii ganda Daakaa Hooraa Qadho jedhamuu keessatti kaabineen Sirna bilxiginnaa tokko sababa du’eef maatii qabsaa’ootaa WBOtu ajjeese, ilmaan Keessan waan ta’eef jechuun qabanii hidhuun hiraarsaa jiru.
Dhugaa namootaa awwaaluun waraanni PP kunneen hawaasa harki isaa qulqulluu ta’e,sababa ilmaan isaani miseensa WBO ta’an qofaaf hidhanii namoota baay’inni isaanii sagal ta’e, reebichaa fi doorsisa irratti geggeessaa jiraachuun beekame.
Yeroo ammaas nama maqaan isaa Daaliyyoo Quufaa jedhamu dhalootaan godina baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu fi Jiddoo Kombolchaa ganda Harooreessaa Qalboo jedhamu gara aanaa Nageellee Arsii dhimmaaf deemnaan waraanni faashistii PP yakka tokko malee qabuun hidhanii dararaa jiraachuunis himameera.



