ONM-ABO Mudde 9, 2023
Qotee bulaan Sanyii waqtii isa eeggate haalaa fi sagantaa mataa isaatiitti dhimma ba’uun oomishatee kan jiraatu yoo ta’u, dhiyeenya irraa eegalee ammoo murni PP abjuu dhugoomuu hin dandeenye kan qamadii biyya alaatti ergaa jirra jedhee ittiin uummata sobuuf Yaalaa ture dhugoomsuuf bahaa fi kibba baha Oromiyaa keessatti Sanyii uummatni ooyiruu gubbaatii qabu humnaan buqqisee gatuun qamadii akka facaasaniif dirqisiisaa jira.
Haaluma kanaanis, ji’a darbe irraa eegaalee Harargee bahaa aanaa Malkaa Bal’oo araddaalee akka Makkanniisaa, Ifabaasii fi Dhagayaa Balloo keessatti kaadirootni PP ooyiruu uummataa irraa wantoota akka Jimaa, Muuza, Shonkoraa fi Mixaaxisa humnaan buqqisuun qamadii facaasaa jedhanii doorsisaa jiraachuu jiraattotni dubbatan.
Tarkaanfii kaadirootaa fi milishootni sirnichaa ooyiruu qotee bultootaa irratti fudhachaa jiraniin Nama Nuuree Yuuyyaa jedhamu duraa Mixaaxisa kaataraa 50, Ahmadyaasin duraa Jimaa kaataraa 18 fi Mixaaxisa kaataraa 50 buqqisuun namoota biroo jalaas haaluma kanaan ooyiruu irraa midhaan balleessaa jiraachuus himan.
Uummatni humnaan ooyiruu isaa irraa oomishni buqqa’aa jiru hundee Jimaa kana abboota keenya irraa dhaalle nutilleen kanumaan ilmaan guddifachaa jirra nu jalaa hin buqqisinaa jedhanii kadhatan illee, murnoonni PP gurra ittiin uummata dhaggeeffatan hin qabne abbootii ooyiruu irratti reebichaa fi Hidhaa raawwachaa kan jiranii fi jiraattota araddichaa humnaan itti yaasanii lafa isaanii irraa sanyii buqqisaa jiraachuus jiraattotni dabaluun ONMtti himan.
dabalataanis bulchaan aanaa Jamaal Saaman jedhamu waraana guurratee bakka kanaa deemuun akka dirree lolaatti guyyaa guutuu dhukaasaa ooluun uummata sodaa keessa galchuun qaabenya isaanii mancaasaa akka jiranis himan.



