SQ-Mudde 10, 2023
Namni Suura irratti agartan kun Nasruu Tunaa Ahmed jedhama. Jiraataa Godina Arsii Aanaa Roobee Ganda Indatoo Yuuboo yoo ta’u abbaa ilmaan lamaati, “WBO waliin hidhata qabda” maqaa jedhuun kaleessa qabamanii erga hidhanii booda, halkan edaa jechuun Mudde 09, 2023 mana hidhaarraa baasanii ajjeesuun dirree irratti darban.
Sirni Abiyyi Ahimad kan ilmaan Oromoof naasuu homaallee hin qabne bakka hundattuu nama mataa ol qabatee deemu ajjeesuu karoora idileesaa godhatee Oromoo waggaa 5n kana lafarraa daguugaa jira.

