• Tue. Nov 24th, 2026

Barataan Oromoo tokko Yuunivarsiitii Dambi Doolloo keessaa milishootaan ukkaamfame

Dec 12, 2023

ONM-ABO Mudde 12, 2023

Kaleessa Muddee 11, 2023 milishootni faashistii PP barataa Yuunibarsitii Dambi Doolloo Iyyoob Faantaahuun jedhamu mooraa seenuun qabanii bakki geessan hin baramin jira.

Barataan Oromoo kun godinichuma aanaa Anfilloo ganda Suddii keessatti kan dhalate yoo ta’u, yuunivarsiiticha keessaa barnoota gaazexessummaa fi quunnamtii barachaa akka jiru hiriyyootni isaa ni dubbatu.

Milishootni magaalaa Dambi Doolloo dhaabbata barnootaa olaanaa poolisoota federaalaan hoogganamuu fi qajeelfama caasaa federaalaan dhufu fudhata jedhamu keessa konkolaataa fi baajaajii fedhan qabatanii dhufanii barattoota fedhan qabanii ba’aa akka jiran kan himan barattootni moorichaa, har’as gaaffíi tokko malee mooraa seenuun piistoo gurratti qabuun barattoota fuula duratti konkolaataa buusanii fuudhanii deeman.

Mooraan Yuunivarsiitii Dambi Doolloo qaamolee nageenya mootummaa jedhamanii akka barbaadame ta’aa jiraachuu kaasuun, barattoota shamarranii gaaffíi jaalalaa dhiyaateefii didanis siyaasatti jijjiiruun seenanii qabuun waan fedhan irratti raawwachaa akka jiran ibsaniiru.

Barataa Iyyoob malee barattootni hedduunis dhabamaa turuu himuun, sababa moorichi wabii barattootaaf ta’aa hin jirreef barattootni hedduun yaaddoo keessa galuu barattootni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko ifoomsaniiru.

Leave a Reply