• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Wallagga Lixaa aanaa Begii keessatti nama tokko ajjeesuun, aanolee adda addaa keessatti ammoo raayyaa ittisa impaayerattiif namoota qabuu itti fufan

Dec 12, 2023

ONM-ABO Mudde 12, 2023

Murni faashistii PP dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuun gadaa aangoo isaa dheereffachuu barbaadu, ilmaan Oromoo ajjeesuu itti fufuun Kamisa darbe Muddee 7,2023 waraanni faashistii PP aanaa Begii ganda Gaara Kormaa deemuun bakka Waraagoo jedhamu keessaa qeerroo Kadir Dheeressaa Disaasaa jedhamu ajjeesuun barameera.

Godinichuma aanaa Qondaalaa fi Begii baadiyyaa isaanii keessa halkan dhokatanii seenuun bariin uummata baasanii dargaggoota keessaa filanii leenjii waraanummaaf ergaa jiru.

Aanaa Jimmaa Horroo  ganda Warra Baabboo keessaa torbeedhuma kana namoota 100 ol akkasumas ganda Giillee keessaas dargaggoota 50 ol qabanii deemaniiru.

Godina baha Harargee magaalaa Maayaa kutaa magaalattii cufa keessatti galmee raayyaa ittisa impaayerattii jechuun dukkaana dhaabanii dargaggoo dirqiin galmeessaa jiraachuu odeessi achii nu qaqqabe ni addeessa.

Leave a Reply