• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee keessatti namni tokko waraana bilxiginnaan ajjeefame

Dec 12, 2023

ONM-ABO Mudde 12, 2023

Guutuu Oromiyaa keessatti ajjeechaan ijibbaataa uummata nagaa irratti xiyyeeffate hidhattoota PPn gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, addatti eega mariin nageenyaa tibba darbe gaggeeffamaa ture gufateen booda duulli jabaan maqaa WBO dhabamsiisuu jedhuun eegalame dhumaatii lammiilee nagaa ta’aa jira.

Haaluma kanaanis, Waraanni PP giddu gala Oromiyaa Lixa Shaggar Keessa socho’uun uummata nagaa hiraarsaa, ajjeesaa fi saamaa jiru, aanaa Meettaa Walqixxee Magaalaa Minaaree keessatti Mudde 10, 2023 guyyaa keessaa toora sa’a sagaliitti nama maqaan isaa Geetaachoo Fayyisaa jedhamu rasaasaan rukutanii ajjeesuu maddeen keenya magaalichaa himaniiru.

Namni ajjeefame kun Lixuma Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee Magaalaa Goorootti kan dhalate yoo ta’u, hojii dhuunfaa isaatti bobba’uun jireenya isaa gaggeeffachuun alatti nama hirmaannaa siyaasaa keessaa qooda qabu akka hin taane maddeen himuun, Gocha Waraanni PP Golee Oromiyaa cufa keessatti uummata nagaa irratti dalagaa jiraniin bifuma walfakkaatuun Oromoo ta’uu isaaf qofaaf ajjeefamuus dubbatan.

Leave a Reply