• Wed. Nov 25th, 2026

Kibbaa loltoota baha Rippaabiliika Diimookiraatawaa Koongoo keessaa baafte

Dec 12, 2023

ONM-ABO Mudde 12, 2023

Sudaan Kibbaa humna nagaa eegsisuu baha Rippaabiliika Diimookiraatawaa Koongoo (DRC) keessaa baasuu Jiinuwaan gabaase.

Dubbii himaan Raayyaa Ittisa Uummataa Sudaan Kibbaa Luul Ru’ayi Kowaang Dilbata dheengaddaa magaalaa guddoo Sudaan Kibbaa Juubaa keessatti Jiinuwaa’tti akka himanitti, humnoonni isaanii Mudde 2022 keessa akka qaama humna naannoo hawaasa Baha Afrikaatti bobbaafaman hundi  naannoo Kaaba Kivu DRC irraa kan baafaman ibseera.

Loltoonni Sudaan Kibbaa bahuun kun kan dhufe erga Hawaasni Baha Afrikaa Sadaasa 25 DRCn aangoo humna naannichaa Muddee 8 booda akka hin haaromsine beeksisteen booda.

Sadaasa bara 2022 irraa eegalee humni naannoo qaamolee Keeniyaa, Yugaandaa, Burundii fi Sudaan Kibbaa of keessaa qabu kun, wal dhabdee waraana Rippaabilikaa Diimookiraatawaa Koongoo fi finciltoota Sochii Bitootessa 23, afaan Ingiliffaan March 23 Movement jedhamuun beekaman gidduutti uumameef deebii kennuuf kutaa baha DRC keessa buufatee jiraachuu gabaasni Jiinuwaan kaleessa qabatee ba’e ni addeessa.

Leave a Reply