• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Wallaggaa ona Qilxu kaarraa Keessatti dargaggeessa tokko jalaa waraana PPn manni tokko gubachuu fi qabeenyi jalaa saamamuun beekame 

Dec 12, 2023

ONM-ABO Mudde 12, 2023

Akkaataan ijaaramuu murna bilxiginnaa, waraana labsee Oromiyaa keessatti duguggaa sanyii raawwachuu fi saamicha irrati Kan xiyyeeffate hoggu ta’u, maqaa Oromoon daldaluun nafxanyootni afaan Oromoo baran, dachee Oromiyaa irratti dhalachuun naasuu tokko malee uummataa Oromoo rakkoo ulfaataaf saaxilaa jiru.

Bifuma kanaan Mudde 9, 2023 godina lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu kaarraa ganda Guyyoo Saccii bakka addaa Kussii Bal’aa jedhamutti waraanni sirna PP bulchiinsa magaalaa Qilxu kaarraa irraa bobba’aan Saamicha qabeenyaa guddaa raawwatanii deemuu jiraattotni ONM dubbise addeessaniiru.

Dargaggoon qabeenyaan jalaa saamame maqaan isaa Taammiruu Hir’anaa Kan jedhamuu fi qabeenyaa isaa konkolaataa tokkoon Kan fe’atan yoo ta’u, gosti qabeenyaa jalaa saamamee, meeshaalee dunkaana keessa jiru Kan maallaqa 1,50000tti tilmaamu, akkasumas meeshaa ijaarsaaf Kan oolu xaawulaa qarshii 30,000tti tilmamuu dabalatee mana daldalaa Kan dhugaatiin Keessatti gurguramu tokkos gubanii akka deeman madden ifoomsaniiru.

Sirni PP Oromiyaa keessatti lafa qabachuu dadhabuun Aanota hunda irraa hawaasa dirqamaan butuun gara leenjii Waraanaatti oofaa jiru.

Leave a Reply