• Wed. Nov 25th, 2026

Magaalaa Shaggar siitii kutaa magaalaa Galaan ganda Heechuu jedhamuun beekamu keessaa murni bilxiginnaa lafa heektaaraa 2 ol irra midhaan namootaa balleessuu jiraattotni himu 

Dec 12, 2023

ONM-ABO Mudde 12, 2023

Murni maqaa qamadii qonnee biyya alaatti erguu qabnaa ajandaa godhatee waraanaa fi kaabinoota sirnichaa uummatatti bobbaasee qabeenya hawaasaa goolaa jiru bilxiginnaan, yeroo ammaa baha Oromiyaa, kibba baha Oromiyaa hanga magaalaa Shaggar siitiitti midhaan namaa balleessuun uummata boochisaa jiru.

Osoo uummatni biyya keessaa bakkeewwan hedduutti balaa hongee fi dhibee busaan miidhamee jiruu teessuma aangoo isaatii fi beekamtii dhuunfaa isaaf jecha akka waan biyyi isaa quufaa ta’eetti ilaaluun akkasuma Addunyaa goyyoomsuuf jecha uummata akka humna isaatti waan humna isaa hojjetatee jiraatu qamadii facaaftan malee jechuun ooyiruu namootaa irra midhaan hedduu balleessanii kan jiranii fi gara fuula duraattillee akka itti fufan dubbachuun beekameera.

Haaluma kanaan torbanoota darbe irraa kaasuun magaalaa Shaggar siitii kutaa magaalaa Galaan ganda Heechuu iddoo jedhamutti midhaan qonnaan bultoota hedduu qamadii facaasuu diddan jechuun lafa heektaaraa 2 ol irra mancaasaa turuu jiraattotni ifoomsaniiru.

Namoota midhaan isaanii jalaa manca’e keessaa hanga gabaasni kun qindaa’etti Kan maqaa arganne 1 Taaboruu Biraanuu, Kaasuu Dagaagaa, Sisaay Dagaagaa, kabbadaa Miidhaksaa fi Getayee Lammii kanneen jedhamanii fi isaan malees Kan maqaan nun geenye danuudha.


Leave a Reply