• Sat. Jan 10th, 2026

Godina Arsii bahaa aanaa Martii fi Jajuu keessatti namoota nagaa hidhuu fi qabeenya isaa gubanii barbadeessuun jabaatee itti fufee jiraachuu jiraattonni dubbatu

Dec 13, 2023

ONM-ABO Mudde 13, 2023

Kutaalee Oromiyaa iddoo garaagaraa keessatti uummatni Oromoo sababa mootummaa abba irree waraana naamusa hin beekne hawaasa nagaatti baayinaan bobbaasee jiruun uummanni gidiraa hamaa argaa jiraachuun, jiraachuu isaanii  mitii dhalachuu isaaniitti guddoo gadduu ibsan.

Mudde 09/2023 godina Arsii bahaa aanaa Martii ganda Eelaa Akiyya keessatti waraanni PP manneen qonnaan bultoota nagaa hedduu gubuun barbadeessanii  jiru.

Akka namoonni bakkichaa jedhanitti   manneen qofaa gubuu osoo hin taane doorsisnii fi reebichi hamaan irratti geggeeffamaa jiraachuus jiraataan aanichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko yaada isaa nuuf qoodera.

Namoonni mana isaanii guutummaan guutuutti qabeenya isaanii waliin dhaban maqaan isaanii Naasir Mohaammad said, Haajii Qoomichaa Roobaa, Kamaal Hajii Qoomichaa, Dittaa Useen Godaanaa, Jamaal Ganaa Dadhii, Amaan Turkaa Xaqaaqoo, Haajii Turkaa Xaqaaqoo, Gabii Useen Sh/Qaasim fi Qamar Sayid Roobaa namoota jedhaman jalaa manneen 24 gubuun maatiin isaanii muka jala galaa jiraachuu jiraattonni dabaluun dubbatu.    

Haaluma wal fakkaatuun aanaa Jajuu ganda Guuree keessatti namoota nagaa hidhuun dararaan guddoon irra gahaa kan jiru yoo ta’u, namoonni hedduunis murtii seeraa malee hidhamanii hiraarfamaa kan jiran ta’uu fi Waabee Muusxafaa kan jedhamu nama ganna 16 abban kee hidhata waraana bilisumma Oromoo waliin qaba jechuun hidhanii warreen dararamaa jiran keessaa tokko ta’uus himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading