SQ-Mudde 12, 2023
Lixa Shaggar Ona Abuunaa Gindabaratitti
Mudde 12, 2023 Ajjeechaan Uummata nagaa irratti qiyyaafate itti fufeera
Ona Abuna Gindabarat Ganda Irjaajootti nama sammuun fayyaa hintaane Umurii isaa dhukkubsataa ture Obbo Guutaa Baayisaa magaalaa walakkaatti waraanni pp rasaasa itti roobsanii ajjeesan
Ganda Finnootti halkaan kaleessaa (11/12/2023) manatti rasaasa roobsuun
1, Obbo Tasfaayee Guddataa Umurii 56 ni ajjeefame
2, Durbee Immushee Kabbee Umurii 16 madoofte
3, Durbee Baatuu……..ni madoofte
Ganda Caffee Ereerii (10/12/2023)
1, Hirkoo Hombossaa Umurii 56 ni ajjeefame
2, Obbo Asaffaa Tarfasaa umuriin 45 ni madaa’ee
3, Obbo Fufaa Goobanaa Umurii 60 ni ajjeefame
4, Obbo Taammanaa Raggaasaa Umurii 47 ni ajjeefame
5, Obbo Abarraa Dirribaa Umurii 52 ni ajjeefame
6, Obbo Guutaa Galmeessaa umurii 42 ni ajjeefame
7, kan maqaan adda hin baane tokko reeffi isaa hin argamne.
Torbee darbes ganda kanatti qonnaan bulaan Afur bakka tokkotti waraana mootummaan rashaanamuun gabaafamee ture.
Sirni lubbuu ilma namaaf rifaatuu hin qabne dhiiga iyyeessotaan aangoo isaa tikfachaa jira.
