ONM-ABO Mudde 13, 2023
Pireezidaantiin Yuukireen Volodyimiyer Zeleniskiyiin Kibxata kaleessaa Kongireesiin Ameerikaa weerara Raashiyaa ittisuuf gargaarsa dabalataa akka raggaasisuuf iyyannoo quuqama qabu yeroo dhiyeessan, biyyi isaanii “bilisummaa keenyaa fi kan keessaniif” falmaa jirti jechuun Ameerikaatti himaniiru.
Haalli dippilomaasii hojjetamus abdiin gargaarsa dabalataa U.S. Yukireenif kennuuf jirtu shakkii guddaa kan hin qabne ta’us, akka malee waan harkifate fakkaata.
Sa’a dheeraaf Capitol Hill irratti erga mari’ateen booda, Zelenskyiin sa’a dabalataa walgahii Waayit Haawus irratti pirezidaantii Joo Baayiden fi gargaartota isaanii waliin waa’ee karaa itti fufiinsa qabuun deggersa argatu irratti erga dabarseera.
U.S. erga Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin weerara isaa, isa cimaa ji’oota 21 oliin dura jalqabee as Yukireeniif doolaara biiliyoona 111 kennitee jirti.
Rippabilikaanonni garuu maallaqa dabalataa kamiyyuu jijjiirama nageenyaa cimaa daangaa U.S.-Meksikoo Dimookiraatonni balaaleffatan waliin walqabsiisuu irratti cichanii jiru.
“Gara waggaa lamaaf waraana guutuu keessa turre — erga Waraana Addunyaa Lammaffaa booda isa guddaa ta’us, bilisummaaf qabsaa’aa jirra,” jedhan Zelenskyiin. “Puutiin waan fedhe haa yaalu malee injifannoo tokkollee hin arganne jechuun dabalee dubbate. Milkaa’ina Yukireeniif galanni haa ta’u — milkaa’ina ittisa irratti gooneen — biyyoonni Awurooppaa biroo weerara Raashiyaa irraa nagaa ta’aniiru” jedhe.
Haaluma walfakkaatuun Baayiden Ameerikaan Yukireeniif gargaarsa dabalataa kennuu dhabuun ishee Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin fi namoota biroo waltajjii addunyaa irratti argaman jajjabeessa jechuun akeekkachiisaniiru.
Pirezidaantiin Yukireen Zelenskyiin “Yukireen injifachuu dandeessi,” “Namoonni bilisummaan mirkanaaʼaa akka taʼe ofitti amanamummaa qabaachuu qabu” jedheera.
Paakeejii nageenya biyyaalessaa haaraa doolaara biiliyoona 110 keessaa doolaarri biiliyoona 61.4 gara Yukireeniif kan oolu ta’a — gara walakkaan ammoo Ministeera Ittisaa U.S. meeshaa waraanaa inni dhiyeessaa jiru guutuuf, walakkaan kan biraa ammoo deeggarsa basaasa waraanaa fi ittisaa biroo, gargaarsa namoomaa fi lammii Yukireen gargaaruuf, hojii mootummaa fi hojiiwwan biroo waliin wal qabata.
Baayiden Kibxata kaleessaa Paakeejii gargaarsa waraanaa dabalataa Doolaara miiliyoona 200 Yukireeniif raggaasisuu isaanii beeksisaniiru. Paakeejii isa haaraa sana dabalatee, U.S. amma meeshaalee waraanaa kuusaa biirichaa irraa dhiyeessuu dandeessu gara doolaara biiliyoona 4.4 hafe qabdi jechuun Associated Press gabaasa har’a ganama qabatee ba’e addeesseera.








