• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Baha Harargee  aanaa Dadaritti itti gaafatamtuun paartii badhaadhinaa Aadde Temiimaa Ahimed maqaa leenjii hubannoo cimsuu jedhuun milishoota mariisisaa turuun beekame

Dec 16, 2023

ONM-ABO Muddee 16, 2023

Oromiyaa keessatti milishootni hidhattoota PP keessaa warreen yakkoota gurguddaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiran yoo ta’aan, kaadirootni sirnichaa qarshii muraasa jireenya isaanii jijjiiruu hin dandeenyeen bituun harka isaaniitiin abidda qabachaa oolu.

Qotee bultoota, maanguddootaa fi abbootii dhoksaa siyaasa sirna impaayerattii bulchaa jiruu hin beekne kaan humnaan, kaan ammoo sadoo dhuunfaa isaaniif qarshii xinnoon sossobuun meeshaa itti hidhanii uummata nagaa keessa bobbaasuun reebicha, ajjeechaa, saamichaa fi darara garaa garaa raawwachiisuun murni PP ergama isaa ittiin ba’aataa jira.

Muddee 14, 2023 Harargee Bahaa aanaa Dadar keessatti itti gaafatamtuun paartii Bilxiginnaa aaddee Tamiimaa Ahimad leenjii hubannoo cimsuu jechuun milishoota buleeyyii fi haarawwaa ta’an yaada dandeettii raawwachiisummaa milishaa keenyaa cimsuudhaan nageenya aanaa keenyaa amansiisaa fi karaa itti fufiinsa qabuun mirkaneessuuf qabsoo fi tooftaa yeroon gaafatu hundatti fayyadamuun milishaa keenya ni cimsina jedhu irratti mariisisaa turuun beekameera.

Koloneel Abiy Ahimed rakkoo impaayerattii keessa jiru karaa nagaan xumuree nagaa fi tasgabbii waaraa lammiileef fiduu irra barcuma aangoo isaa tikfachuuf namoota nagaa humnaan qabee adda waraanaatti guuraa kan jiruu fi milishoota isaa buleeyyii;  akkasumas kanneen dhiyoo leenji’aniif ammoo leenjii haaromsaaf dadammaqiinsaa kennaa kan jiru yoo ta’u, adeemsi Bilxiginnaan itti jiru kunis sirnichi duula haaraa uummata nagaa irratti taasisuuf tarsiimoo si’ataatti jiraachuu kan mullisuudha. Kun ammoo lola kutaalee impaayerattii garaa garaa keessatti gaggeeffamaa jiran kan hammeessuu fi ajjeechaa lammiilee nagaa akkasumas mancaatii qabeenyaa hawaasa nagaa irratti raawwatamu dachaan itti fufsiisuuf sababa guddaa ta’uu akka danda’u ni beekama.

Leave a Reply