ONM-ABO Muddee 16, 2023
Murni bilxiginnaa dhiibbaan alaa fi keessaan irratti jabaachuun, Kufaatii itti dhufaa jiru irraa baraaramuuf jecha akkuma sirnoota darbanii fedhii fi kaka’umsa uummataa malee impaayera Itoophiyaa ijaaruuf jecha Oromiyaa guutuu Keessaa qonnaan bultoota, barattoota, dargaggootaa fi maanguddoota osoo hin jenne gariin humnaan guuraa,kaan ammoo maallaqaan goyyomsuun dirree waraanatti ergaa jira
Akkuma kanaanis godina Jimmaa aanoota hundaa Keessaa yeroo ammaa tokko tokkoo gandootaa irraa namoota baay’inni isaanii 25 ol ta’e guyyaatti maallaqa guddaa isiniif kaffala jechuun burjaajii uumanii namoota guuraa akka jiran jiraattotni ONM dubbise Kan himan yoo ta’u,namoota tooftaa sirna PP kana baruun hin deemnu jedhan ammoo dirqiin qabuun waraanatti ergaa jiru jechuun dubbatu.
Sirnootni dhufaa darbaan hawaasa Oromoo dadhabsiisuuf wal-irratti kakaasee,carraa argateetti fayyadamuun waraana sirnicha tiksan ijaaruun qe’ee saba bal’aatti guyyuu gaddaa fi gadadoo uffisuu bira darbee, qonnaan bultoota gandoota baadiyyaa Keessa deemuun ilmaan isaanii fedhu ajjeesaa gariin ammoo dirqii fi sossobbaan funaanuun dirree waraanatti erguun kun Kufaatii irra isa hin hambisu jechuun yaada isaanii jiraattonni magaalaa jimma irraa dubbisne nuuf ibsaniiru.





