• Sun. Mar 15th, 2026

Waraanni faashistii PP godina Baaleè Lixaa aanaa Diinshoo keessatti miidhaa hawaasa irraan ga’u jabeesse 

Dec 16, 2023

ONM-ABO Muddee 16, 2023

Godina Baale Lixaa aanaa Diishoo gandoota hedduu keessatti waraanni maafi’aa PP uummata nagaa maqaa deggertoota WBOti jedhuun namoota 190 ol jumlaan guuranii mana hidhaa aanichaa keessatti dararaa guddaa irraan ga’aa kan jiran yoo ta’u, namoota hidhaman keessaa dargaggoota qofaatti baasuun gara leenjii waraanummaatti geessaa jiraachuu maddeen ifoomsan.

Dabalataanis aanichuma keessatti manneen uummataa gubaa fi qabeenya qotee bultootaa barbadeessaa jiru.

Namootni waraana Abiy Ahimediin aanaa Diinshoo ganda Ajiddaa iddoo addaa Sangoota jedhamutti manneen isaanii jalaa gubate keessaa kan maqaa arganne; Heekoo Abdullee, Haaji Abdulkariim Hasan, Roobaa Mahaammad,
Muzayyan Aadam ta’uun barameera.

Murni fedhii aangoo isaa hin baane bilxiginnaan fudhatamummaa uummata biratti dhabe, humnaan argachuuf zoonii kibba baha Oromiyaa godinoota Arsii fi Baalee arfan keessatti dararaa farra mirgoota dhala namaa raawwachuun hawaasicha qorqalbii cabsee bittaa isaa dheeressuuf yaalii taasisus, qabsoon bilisummaa Oromoo eegalamte galii ishee hanga geessutti duubatti hin deebitu jechuun jiraattotni dubbachaa jiraachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading