• Tue. Jan 13th, 2026

Dhohinsi guddaan buufata boba’aa Giinii keessaatti raawwateen namootni du’uu fi madaa’uun himame

Dec 19, 2023

ONM-ABO Muddee 19, 2023

Dhohinsi guddaan warshaa boba’aa guddicha magaalaa guddoo Giinii Koonaakrii keessatti mudate yoo xiqqaate namoota saddeet du’uu fi kudhanootaan madaa’uu qondaaltonni himan.

Dhohinsi kun karaa foddaa manneen naannoo magaalaa guddoo Koonaakrii keessa jiran keessaa kan afuufame yoo ta’u, jiraattonni dhibbaan lakkaa’aman naannoo sanaa baqachuu isaanii namoonni ijaan argan himaniiru.

Aangawoonni manneen barnootaa magaalattii akka cufaman ajajuun hojjettoonni mana isaanii akka turaniif ibsa kennaniiru.

Dhohinsi kun ibiddaan kan ka’e ta’uunis ibsameera. Ibidda kana maaltu akka kaase ifa miti.

Qondaalli olaanaan dhaabbatichaa dhaabbata oduu AFPtti akka himanitti, ”Reeffi gubate saddeet gara mana reeffi hospitaala Iginas Deenitti dhufeera jedhan.

Gabaasni miidiyaalee lakkoofsa namoota miidhamanii 84 hanga 100tti garaagarummaan dabarsaa jiru.

Ibiddi kun kaleessa Muddee 18 naannoo  halkan walakkaa akka sa’a biyyaatti kan ka’e yoo ta’u, sa’a muraasa boodas ammallee cimaa ture.

Ibiddi fi aarri gurraacha dhangala’aa ture kun kiiloo meetira hedduu fagaatee mul’achuu akka danda’u dhaabbati oduu Rooyitars gabaaseera.

Dubbi himaan mootummaa Oosmaanei Gaayohall Diyaaloo BBC’tti akka himanitti, ”hanga ammaatti  namoota miidhamanii lakkaa’uun waan hin xumuramneef” lakkoofsa namoota miidhaman mirkaneessuu hin dandeenye.

Gareen balaa muummicha ministeeraa jalatti  ibidda kanaa fi miidhaa inni qaqqabsiisu furuuf hundeeffameera jedhan Mr Diyaaloon.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading