Yuunvarsiitii Dambi Doollootti barsiisotaafi barattoota hidhuun ittuma fufee jiraa.
Barattoonni sadiifi barsiisonni lama hidhamuun Isaanii beekamadha. Warreen Hidhaman kana Haalli nageenya isaanii yaaddessafi eessa akka jiran illee hin beeknu.
Wiixata torban har’aa jechuun Mudde 11, 2023 ganama naannoo sa’atii 4 fi 5 gidduutti humnoonni mootummaa alaa mooraa seenuun barataa waggaa 2ffaa muummee jornaalizimii kan ta’e Iyyoob Fantaahun irratti reebicha ulfaataa erga raawwatanii ukkaamsanii fuudhanii deeman .
Barataa Iyyoob iddoon itti hidhame hinbeekamne Eessa akka jiru illee hin dhageenyes Hin beeknus.
Gaafasuma galgala barataan muummee jornaalizimii waggaa 3ffaa kan biraa Taammiraat Dhugumaa haaluma walfakkaataan mooraa keessaa qabame
Mudde 15 bara 2023 ganama yuunvarsiitii Dambi Doollootti barsiisaa kan ta’e Sanyii Kabbadaa osoo gara mooraa seenaa jiruu konkolaataa keessaa buufamuun qabamee hidhame.
Guyyuma walfakkaataa jechuun Mudde 15, 2023 barataan biraa Lataa Taadiyoos jedhamus qabamee hidhame.
Mudde 16 bara 2023 jechuun sanbata xiqqaa darbe barsiisaa yuunvarsiitichaa kan ta’e Rattaa Jaftaraa humnoota mootummaan qabamee hidhamuun Isaa beekamaadha.
Hooggansa waajjira bulchiinsaa fi nageenyaa Godina Qeellam Wallaggaa kan ta’an Obbo Tasammaa Waariyoo kamisa darbe mooraa yuunvarsiitichaa seenuun yuunvarsiiticha nutu hooggana waan ta’eef, seennee tarkaanfii barbaanne fudhachuu dandeenya jedhanii turan Akkaataafi dubbiin hooggansa kanaa illee baayyee nuuf yaaddoodha gara fuula keenya duraatti.
Barattoonnifi barsiisonni hidhamuu hordofee baruufi barsiisuun erga dhaabbatee torban tokko ga’ee jira.
Nageenyi barattoota hidhamani yaaddessaa Akka ta’e gamanumaan cimsinee himachuu barbaanna. Barattoonnni, kan hidhaman ba’anii gochi akkasii hanga dhaabbatutti barnoota itti fufuuun nu yaaddessa.
Hidhamuun barattoota kanaa ammallee nu yaaddessa amma barattoonni kun mana hidhaarra baahanii gara dirree barnootaatti deebi’anitti nuti barattoonni takkumaallee barnootatti akka hin deebine Cimsinee dubbanna.
Barnoonni erga dhabbate torban tokko caaleera hanga Guyyaa harra mudde 13/2023tti barnoonni tokkollee hin jiru murtoon keenyas amma barattoonni keenyaf barsiisonni keenya mana hidhaarra bahanitti gonkumaa akka daree barnootaatti hin deebine murteeffanneerra.
Akkasumas dhimma fayyaa Barattoota Dambi dolloo univesity keessa jiru bayyee yaaddessaadha. Walumaa galatti yaala gahaa tokkollee hin qabnu Dhibeen Kamuu barataa yoo qabe yaallii gahaaf qorichi illee akka hin jirre karaa hojjettootaafi Itti Gaafatamtoota fayyaan. Rakkoon waan jiruuf Dhibeedhaan illee Hedduu miidhamaa jirra.
Sababa yaala gahaa dhabuu Mooraa kanaan barattoonni baayyeen isaanii miidhamaniiru. Baayyeen isaanii barnoota dhaabanii gara maatii isaaniitti galaniiru. Akkasumas dhibee busaan utuu dararamtuu Yaala gahaa dhabuudhaan dilbata 17/12/2023. Kan duute barattuu Alamee shigetan muummee management waggaa sadaffaa kan barattu sababa dhibee busaan yaala gahaa dhabuudhaan Duutee jirti. Kuni maal dhibdee hooggansa moorichaa waan ta’eef Gama fayyaan ille Barataa Dhibbaan Hedduun nurra gahaa jira.
Barattoonni dhibbaan lakkawamanis Dhukkuba dhibee busaan hedduu dararamaa jiru. Kaan illee waan ittiin qoricha bitatu dhabee Kan sadarakaa yaaddessa irra jiru hedduudha.
Akkasuma Guyyaa harra jechun mudde 17/12/2023 Hooggansi moorichaa akka beeksisa baasetti guyyaa harra sa’a 8:00 tti gara daree barnootaatti hin deebitan taana tarkaanfii yaaddeessatti akka darbu ifaa ifatti beeksisa maxxansee jira. Kuni borii keenyaf ammaa ka’ee nuyiif yaaddoo hamaadha.
Nuti barattoonni kan manaa baaneef barnootaaf malee Akka miidhamnuuf,akka dararmnuuf, maatii keenya biraa hin baane. beeksisi maxxane kun immoo nageenya barataa hundaaf baayyee yaaddessaa waan taeef Bor waan taanu illee hin beeknu. Kanaaf Qaamni kam illee akka quba nuuf qabaatu asumaan cimsinee Dabarfachu barbaanna.
Nuti barattoonni mooraa kana hanga barsiisonniifi barattoonni nu gidduudhaa dhabaman deebi’anii gara dirree barnootaatti dhufan malee akka dareetti hin deebine murtoo keenya ta’uu asumaan Cimsinee dubbanna .
Nagaa wajjiin!!!
Barattoota mooraa University Dambi Dollo (DDU) irraa
Mudde 18, 2023
