• Sun. Mar 15th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Ejersa Lafoo keessatti maqaa WBO deggertu jedhuun namoota  adamsanii hidhaa jiraachuu fi aanaa Dandiitti ammoo namootaan halkan naannoo keessan eeggadhaa jechuun uummata gidirsaa jiraachuun beekame

Dec 19, 2023

ONM-ABO Muddee 19, 2023

Hidhattootnii fi waraanni murna bilxiginnaa yeroo ammaa uummatatti qoraatti ta’uun hawaasa hidhaan gidirsuu bira darbee hanga halkan halkan harka duwwaa meeshaa tokko malee karaa irra dhabbatanii akka waardiyyaatti bulan gochuun hawaasa kubbaa godhatanii Oromiyaa bakkeewwan hedduutti ittiin taphachaa jiru.

Lixa Shaggar aanaa Ejersa Lafoo keessatti ajjeechaa, hidhaa,fi gubaatii hanga reebicha ulfaatatti namoota nagaa irratti adeemaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaattis duulli hidhattootni murna bilxiginnaa hawaasa irratti geggeessaa jiran daraan dabaluus dubbatu.

Dararaan reebichaa manguddootaa fi dargaggoota irratti hammaatee jiraachuun Muddee 17/2023 ganda Daannisa Xanqoo keessatti nama Leellisaa Naggasaa jedhamu qabuun mana isaati baasani reebicha hamaa irran ga,uun erga akka malee dadhabeen booda karaa gubbaatti gatanii deemuun yeroo ammaa du,aaf fi jireenya giddu jiraas jedhu.

Namni kun qotee bulaa yoo ta’u isa dabalatee namoota hedduu irratti hidhaa fi reebichi waqtii itti qonnaan bultootni oomisha isaanii ooyiruu irraa sassabatanitti gufuu itti ta’uun daa’immanii fi namoota hojjetachuu hin dandeenye beelaaf saaxilaa jiraachuus himan.

Godinichuma aanaa Dandii magaalaa Giincii keessatti sodaa waraana bilisummaa Oromoo irraan kan ka’e namoota dirqamaan waardiyyaa eeguu qabdu jechuun halkan guutuu bakkee keessa bulchaa jiru jechuun, akkasuma namuu ibsa balbala isaa duratti akka hampuulii ibsu ajajuun kan hin goone ammoo mallaqa kumaaf dhibba shan  adabamtuu jechuun uummata rakkisaa jiraachuus jiraattotni dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading