ONM-ABO Muddee 22, 2023
Guyyaa kaleessaa jechuun Muddee 21, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Diggaa ganda Buqlii keessatti namoota nagaa tuttuqaa siyaasaa kam keessaayyuu harka hin qabne manguddoo abbaa maatii 12 lamaa ta’e tokko maatii isaa duraa fuudhuun yoo ajjeesan qabeenya namoota hedduus saamanii jiraachuu jiraattonni dubbatu.
Hidhattootni kunneen ganda 06 irraa ka’uun gara ganda Buqlii kan imalan yoo ta’u akkuma gandicha ga’aniinis manguddoo obboo Abraahim Ahimed jedhamu mana isaatii fuudhanii deemun bishaan irratti ajjeesanii gatan jedhu.
Sa’atuma sanatti Nasruu Hasanee nama jedhamu jalaa qarshii 2400, soolaarii 4 fi bilbila harkaa 2 jalaa saamuun kan deeman yoo ta’u namoonni saamamanis hedduu ta’uu dabaluun dubbatu.
Akkasuma namoota hedduu irratti reebichi hamaan kan raawwatame yoo ta’u hedduun namootaas qe’ee fi qabeenya isaanii dhiisuun baqachaa jiraachuus maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.


