ONM-ABO Muddee 22, 2023
Murni ofii ajjeesaa, manneen gubaa, saamaa fi qe’ee irraa buqqisaa dookumentarii sobaa ammoo qaama biraa irratti gidduu kana gadhisee ture bilxiginnaan, ilmaan Oromoo badii tokko malee akka baalaa harcaasaa jira.
Har’a Muddee 22, 2023 waraanni murna nama nyaataa bilxiginnaa qotee bultoota nagaa godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Heellaa Akkiyyaa jedhamu keessaa mana isaaniitii gadi baasuun ajjeesan.
Namoota ajjeefaman keessaa kan maqaa arganne Kadiroo Tolaa Galchuu fi Amaan Sheek Qaadii ta’uun barameera.
Murni goolessaan PP Oromiyaa keessatti saamicha geggeessaa akkasumas dargaggoota Oromoo humnaan dirree leenjii waraanaatti geessaa qe’ee Oromoo nagaa dhabsiisuun guyyaa irraa guyyaatti ajjeechaa raawwachaa jiraachuutti hawaasni gadduu maddeen ibsaniiru.
