• Mon. Jan 12th, 2026

Harargee bahaa aanaa Qarsaa keessatti dargaggoota waraanummaaf mana baruumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa irraa qabaa jiraachuu maddeen himan 

Dec 22, 2023

ONM- ABO Muddee 22, 2023

Impaayerri Itoophiyaa jeeqamuu ishee irraan ka’e murni bilxiginnaa deebisee ijaaruuf lubbuu ol adeemtootaa tirgaa siyaasaa godhatee itti fayyadamuun kaabinootaa fi waraana isaa baayinaan hawaasatti bobbaasuun hidhattootni sirnichaas mana baruumsaa irra deemuun barattoota qabaa jiru.

Haaluma kanaan Harargee bahaa aanaa Qarsaa araddaa Odaa Nagaa keessaa barattoota adda waraanaatiif qabaa jiraachuu fi barattootni hedduunis osoo maan baruumsaa hin dhaqiin baruumsa dhaabuuf dirqamaa jiru jechuun maddeen himu.

Akkasuma magaalaa Naqamtee keessatti kaabinoonni sirnichaa bulchitoota gandaan ganda tokko irraa yoo xiqqaate nama 15 ol qabdanii dhiheessuu qabdu, yoo kana hin goone ammoo aangoo keessan irraa isin kaafna jechuun jechuun itti dhaadachaa turuus maddeen magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Akkuma guutuu Oromiyaatti yeroo amma barattoota baruumsa irra, qonnaan bultoota qonnaa isaanii irraa jumlaan guuramanii addaa waraanaatti fe’amaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading