ONM-ABO Muddee 22, 2023
Ajjeechaan qorqalbii uummata Oromoo hubuun, qabsoo sabichi mirga hiree murteeffannaa isaaf taasisaa jiru irraa jiilchuuf taasifamaa jiru daran jabaachuun, reeffi ilmaan Oromoo kabajaa mulqamee bineensa bosonaa, allaattiiwwanii fi sareen soorrachaa kan jirtu yoo ta’u, qe’een uummatichaa salphina uffatee dachiin Oromiyaa dhiiga ilmaan isheetiin dhiqamaa jirti.
Godina lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu magaalaa Mandii keessatti namni Obboo Oliiqaa Gammachuu jedhamu abbaan ilmaan sadii dheengadda muddee 20, 2023 naannoo sa’a torbaatti balleessaa tokko malee loltoota PPn ajjeefamuu maddeen himan.
Bakki dhaloota nama kanaa aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Beengu’aa ganda Abbaa Abakuu jedhamtu yoo ta’u, nama qaamnisaa hirdhuu fi uffata suphuun ofiif maatii isaa jiraachisu ta’uus maddeen addeessaniiru.
Oduu dabalataatiin ammoo guyyuma kana Jechuun Mudde 20, 2023 magaaluma Mandii keessatti barattuu kutaa 12ffaa maqaan ishee Daraartuu Jiraa jedhamtu, kan ganda Waajetii Gaanqaa jedhamutti dhalattee guddatte, Osoo isheen fira dubbisuu magaalaa Asoosaa dhaqxee deebi’aa jirtuu waraanni PP qabuun mooraa isaanii naannoo waajjira bishaaniitti argamu keessatti rasaasaan rukutanii ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

