ONM-ABO Muddee 22, 2023
Muldhata galmi isaa uummata nagaa hiyyoomsuu ta’e qabatanii golee Oromiyaa keessa loltoota isaanii gara jabeeyyii kan bobbaasan Murni bilxiginnaa saamicha maqaa gibiraatiin eegalan jabeessanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaanis lixa Oromiyaa baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Baqqoo Jimaa keessatti maqaa gibiraa fi qaraxaa humnaan oliitiin uummatni hojjetatee jiraachuu dadhabuun, qe’een hedduun waan nyaataa dhabuutti deemaa akka jiru jiraattotni aanichaa ONMtti himaniiru.
Aanicha keessatti hawaasni baadiyyaarraa oomisha gurgurachuuf gara magaalaa deemu Harree tokkotti qarshii 50 kaffalaa kan jiran yoo ta’u, galii fi baasiin namoota hedduu gibiraa fi qaraxa dabalatee dadhabbii malee bu’a dhabeessa ta’uun uummatni bàadiyyaa oomishatee jiraachuu dadhabaa jiraachuu fi namoonni magaalaa keessaa mana qaban ammoo dhaabaa manaa fi qorqorrootti qopha qophaan gibira kaffalaa jiraachuu dubbataniiru.
