• Wed. Nov 25th, 2026

Kibba Bahaa Oromiyaa  aanaa Martii keessatti ajjeechaa fi saamichi jabaate

Dec 24, 2023

ONM-ABO Muddee 24, 2023 

Muddee 22, 2023 godinaa Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Heellaa Akkiyaa  keessatti waraanni sirni nama nyaataa PP  uummata nagaa qabeenya isaanii saamuu fi ajjessuu maddeen himan.

Akka maddeen jedhanitti guyyaa dheengaddaa jechuun Jimaata darbe nama maqaan isaa Xaahir Amaan badii tokko malee manaa baasuuun ija maatii isaa duratti ajjeesan.

Aanichuma ganda Heellaa Akkiyaa kana keessatti ajjeechaan alattis saamicha hedduu geggeessanii jiru.

Namootni manaa fi qabeenyi jalaa gubate kunis maqaan isaanii:-
1.Muhammad Amiin
2. Hasan Damee Jimaa  kanneen jedhaman yoo ta’u, manneen guban keessaa re’ootaa fi soolaara mana irraa osoo hin hambisin saamanii deemaniiru.

Jimaatuma darbe kana ganda Heellaa Akkiyaa keessatti namoota lama maqaan isaanii Kadiroo Tolaa Galchuu fi Amaan Sheek Qaadii jedhaman ajjeesanii turan.

Murni saamicha geggeessee of ijaaraa gama biraan ammoo qorqalbii uummata Oromoo cabsaa gadaa aangoo isaa dheereffachuuf hojjechaa jiru Oromiyaa bakka maratti dhiittaa mirga namoomaa geggeessuun hawaasa yaaddoo nageenyaaf saaxilee jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply