ONM-ABO Muddee 24, 2023
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo doorsisaa fi olola mootummaa impaayerattii dhufaa darbaaf hin jilbeeffanne, hojii amanamaa isaan bilxiginnaa kasaaraa siyaasaan rukute badeera, humna loluu hin qabu fi ajaja hin qabanii jechuun dookumentariin ololaa jiru hojiidhaan itti agarsiisuu itti fufeera.
Akka kanaanis har’a Muddee 24 sa’a laaqanaa irratti waraana maafi’aa PP raashina feetee konkolaataa Oraalii 2n godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee gara Sichaa’ootti deemaa turte ganda Boonii Beleshee bakka addaa Waldaa Bushaa jedhamutti tarkaanfii akka bakakkaa irratti fudhateen du’aa fi madoon adabee jira.
Tarkaanfii guggubduu korommiiwwan WBO kun fudhataniin humna diinaa irraa 45 yoo ajjeefaman 5 qofti ba’uun 8 harkaan booji’amaniiru.
Loltoota ajjeefaman kana keessa qondaaltonni waraanaa waltajjii magaalaa Sichaa’ootti waraana isaanii waliin gochuu fi sakatta’iinsa WBO jechuun qajeelfama lachuuf deemaa akka jiran kan barame yoo ta’u, kaayyoo badii fudhatanii deemaa turan waliin dhabama ta’aniiru.
Gootichi abdii sabaa WBOn tarkaanfii kanaanis meeshaalee waraanaa kanneen akka qawwee 18, rasaasa 1326, dishqaa 1, fi raashina irraa booji’uun oraalii lama irraa dhuunfatee tokko gubee tokko ayyallaatti darbuun hojiin ala taasisee jira.
Imala Bilisummaa Milkeessuuf tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!
