ONM-ABO Muddee 25, 2023
Humna waraanaa guddaa uummata nagaatti bobbaasuun lubbuu namoota nagaa ajjeesuu, qe’eef qabeenya namaa gubuu akkasumas hidhanii dararuun cinatti Xiyyaara nama maleessa gargaaramuun haleellaa murni maafi’aa PP lammiilee irratti raawwachaa jiru mancaatii lubbuu fi qabeenyaa uumaa jira.
Haaluma kanaanis, Guyyaa hardhaa jechuun Muddee 25, 2023 ganama toora sa’a tokkoof walakkaatti (1:30) Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kombolchaa ganda Baroo jedhamtu keessatti namoota nagaa misooma mana amantaa Guutuu Wangeelaa Baroo hojjechaa jiran irratti Haleellaa Diroonii murni Bilxiginnaa raawwateen lubbuun nama 8 battalatti yoo darbu, namootni hedduun ammo madaa’anii yaalamaa jiraachuu maddeen himaniiru.
Torban darbe irraa eegaluun xiyyaarri nama maleessi kun aanaa kana gandoota garaa garaa irra marsaa turuu kan himan maddeen, haleellaa ganama hardhaa raawwataniinis lubbuu namoota darbeen cinatti qabeenyaan mana amantaa Guutuu Wangeelaa Baroos gubatee barbadaa’uu ifoomsan.
