• Wed. Nov 25th, 2026

WBOn baha Shaggar magaalota 8 keessatti tarkaanfii fudhate

Dec 25, 2023

ONM-ABO Muddee 25, 2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessuun kaleessa Muddee 24, 2023 godina baha Shaggar bulchiinsa magaalotaa 8 irratti injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Magaalotni tarkaanfiin irratti fudhatame kun Duukam bakka 2, Abbuu Seeraa (magaalaa Seeraa), Adulaalaa Mojoo, Magaalaa Xiqqoo Wambar fi Handoo jedhamtuu keessa eda galgala diina rasaasaan waadee du’aa fi madoon adabee jira.

Guutuu gabaasa kanaa akka nu qaqqabeen isiniif dhiyeessina.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply