ONM-ABO Muddee 25, 2023
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu magaalaa Baaroo bakka addaa Waldaa Guutuu Wangeelaa irratti ganama har’aa Muddee 25/2023 toora sa’a 1:30 irratti haleellaa diroonii murni faashistii PP namoota nagaa irratti raawwateen yoo xiqqaate namootni 8 ajjeefamuun hedduunis madaa’an.
Namootni ajaja Abiy Ahimediin haleellaaa Yilmaa Mardaasaan ganama kana lubbuu dhaban
- Obsaa Tarreessaa
- Dhugaasaa
- Taadduu Mangashaa
- Bayyanaa Xiiqii
- Daammanaa Likkiisaa
- Habtaamuu Nigaatuu fi
Jeneraal Birhaanuu Juulaa TV Faanaa irratti dhiyeenya kana ittiin loluuf binne, waraana qiyaafannee rukutaa jirra jedhus qabatamaatti garuu hawaasni kurnanootaa ajjeefamaa jiraachuun ni beekama..



