• Wed. Nov 25th, 2026

Harargee lixaa aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti namootni lama hidhattoota sirnichaan ajjeefaman

Dec 25, 2023

ONM-ABO Muddee 25, 2023

Tibba kana erga dargaggoota humnaan adda waraanaatti erguun eegalee kaasee namoonni hedduun fedhii adda waraanummaa deemuuf kan hin qabne yoo ta’u, namoota didan dabalatee maatii irratti ajjeechaan daangaa hin qabne raawwatamaa jira.

Akkuma guutuu Oromiyaatti duulli dargaggoota adda waraanaatti fe’uu kun jabaatee kan jiru yoo ta’u, akkasuma ajjeechaanis bakkeewwan kanatti hedduuminaan raawwatamaa jira.

Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo ganda Qabsoo fi Ifaa keessatti namoota lama kan maqaan isaanii Adam Giroo fi Kadir Alii jedhaman gaafa Muddee 22, 2023 ajjeefamuu jiraattotni himan.

Dargaggoo Adam Alii dirqamaan adda waraanaa oofuuf wayita qaban lakkii hin deemu yeroo jedhutti harka isaa dubbatti hidhuun qilee keessatti erga darbataniin booda sa’a dheeraaf achi keessa oolee kan bule yoo ta’u, achii ba’ee hospitaala galus fayyuu akka hin dandeenye himan.

Akkasuma obboo Kadir Alii kan jedhamu ilma isaa yeroo gara waraanaatti oofuuf jedhan lakkii ilmi kiyya osoo boo’uu hin deemu jennaan akka ajjeesan jiraattonni dabaluun dubbatu.

Namni maanguddoo kana itti dhukaasuun ajjeese Ahimed Adamee nama jedhamu yoo ta’u, yeroo hedduu adda durummaan nama namoota hiisisuu fi ajjeesisuun aanicha keessatti beekamuudhas jedhan.

Leave a Reply