• Sun. Nov 22nd, 2026

Hoogganaan mormituu Raashiyaa hidhame Navalniyiin erga quunnamtiin isaa dhabamee torban 3 booda argame

Dec 26, 2023

ONM-ABO Muddee 26, 2023

Hiriyyoonni hoogganaa mormituu Raashiyaa hidhame jiru Aleksii Navalniy Wiixata kaleessaa akka jedhanitti, walquunnamtiin isa waliinii erga dhabamee gara torban sadii booda kutaa mana hidhaa Arctic Circle olitti argamu keessatti argame.

Diina Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin keessaa beekamaan Navalniy himannaa gara jabinaan himatamee adabbii waggaa 19 adabamaa jira. Giddugaleessa Raashiyaa naannoo Vilaadimiir kan Moskoo irraa gara bahaatti gara kiiloo meetira 230 fagaattee argamtutti hidhamee kan ture yoo ta’u, abukaatonni isaa garuu Mudde 6 irraa eegalee isa qunnamuu akka hin dandeenye himaniiru.

Dubbi himaan isaa Kiraa Yarmayish, fuula X, duraan tiwiitara ture irratti akka jedhanitti, kolonii mana hidhaa magaalaa Kiharp, naannoo Yamalo-Nenetisk keessatti gara kaaba baha Moskoo irraa kiiloo meetira 1,900 (maayilii 1,200) fagaattee argamtu keessatti argama.

Navalniyiin “nagaadha” abukaatoon tokko isa daawwateera jedhan Yarmayish.

Naannoon kun qorra dheeraa fi cimaa ta’een maqaa qaba; magaalattiin naannoo Vorkutaatti kan argamtu siʼa taʼu, albuudni dhagaa bobaʼaa ishee sirna mana hidhaa-mooraa Sooviyeet Gulaag keessaa isa hamaa dha.

Jijjiirraan sirna mana hidhaa Raashiyaa keessatti taasifamu dhoksaadhaan kan haguugame yoo ta’u, hidhamtoonni torban hedduudhaaf wal qunnamtii irraa baduu danda’u. Keessattuu Navalniyiin dhukkubsatee waan tureef, nyaata dhorkamee kutaa qilleensa hin qabne keessatti akka turu waan taasifameef argamuu hin dandeenye jedhan.

Deeggartoonni erga Puutiin filannoo pirezidaantii Raashiyaa Bitootessa keessa gaggeeffamu irratti kaadhimamuu isaanii beeksisaniin booda itti yaadanii dhoksaa turan jedhanii amanu.

Puutiin irra deebiin filatamuun isaa mirkanaa’aa ta’us, to’annoo guddaa inni dirree siyaasaa biyyattii irratti geggeessuun mormitootni hojii Puutiin fi tarkaanfii Yukireen irratti geggeeffamaa jiru dura dhaabbachuuf carraa akka hin arganneef yaadameeti.

Navalniyiin erga Guraandhala bara 2021 mana hidhaa Raashiyaa keessatti dararamaa jiraachuu Associated Press gabaasee jira.

Leave a Reply