• Tue. Nov 24th, 2026

Itoophiyaan biyya Afrikaa liqii deebisu dadhabe isa dhumaa taate.

Dec 26, 2023

ONM-ABO Muddee 26, 2023

Itoophiyaan boondii mootummaa idil-addunyaa tokkicha ishee irratti kaffaltii “kuuppoonii” doolaara miiliyoona 33 raawwachuu dhabuu isheetiin Kibxata har’aa waggoota hamma kana keessatti Afrikaan keessaa sadarkaa sadaffaa taate.

Biyyi Afrikaa baay’ina ummataan sadarkaa lammaffaa irratti argamtu, weerara COVID-19 fi waraana biyya keessaa waggaa lamaaf Adoolessa bara 2022 xumurame hordofuun rakkoo maallaqaa hamaa keessa waan turteef, sirnaan gara kaffaltii dhabuutti seenuuf akka yaadde jalqaba baatii kanaa beeksisteetti.

Kaffaltii kana Mudde 11 raawwachuu kan qaban ta’us, garuu teeknikaan hanga Kibxataa har’aatti maallaqa kana dhiyeessuuf sababa keewwataa guyyoota 14 ‘dabalata’ kennuuf boondii doolaara biiliyoona 1 keessatti barreeffameen ture.

Akka maddeen haala kana beekan lama jedhanitti, dhuma Jimaata Mudde 22, guyyaa hojii baankii idil-addunyaa isa dhumaa yeroon eebbaa osoo hin xumuramin dura, abbootiin boondiif kuuppaniin kun hin kaffalamiin ture.

Qondaaltonni mootummaa Itoophiyaa Jimaata darbes ta’e dhuma torbee darbee gaaffii yaada kennuudhaaf dhiyaateef deebii hin kennine, liqa kana deebisuu dadhabuun biyyoota Afrikaa biroo lama Zaambiyaa fi Gaanaa waliin ta’uun gurmaa’insa haaraa “Common Framework” guutuu ta’e irratti akka hirmaatu taasisa.

Biyyi Baha Afrikaa kun jalqaba bara 2021tti jalqabbii G20n durfamu jalatti liqaa hir’isuuf gaafatte turte.

Adeemsi jalqaba irratti waraana biyya keessaatiin kan harkifate ta’us, kuufamni sharafa alaa ishee dhumuu fi qaala’iinsi jireenyaa ol ka’aa dhufuu isaatiin, Chaayinaa dabalatee liqeessitoonni mootummaa damee seeraa Itoophiyaa baatii Sadaasa keessa waliigaltee tajaajila liqaa addaan kutuuf waliigalaniiru.

Mudde 8 mootummaan mariin walfakkaatu fandii sooramaa fi liqeessitoota damee dhuunfaa biroo boondii isaa qaban waliin taasisaa ture akka diigame ibseera.

Sana booda dhaabbati sadarkaa liqii kennu S&P Global boondii kana gadi buuse, kaffaltiin kuuppoonii hin raawwatamu jedhee tilmaamuun Muddee 15 gara biyyoota liqii hin kafaluu hin dandeenyee ” Default” tti gadi buuse jechuun Rooyiters gabaase.

Kufaatiin gama kanaan bara kanatti mul’achuu dhaabbileen maallaqa addunyaa ibsanis ajajaan olaanaa ABO WBO bara 2021 keessa mootummaa kufe afaan Ingiliffaan ” Failed Satate ” jechuun isaanii ni yaadatama.

Leave a Reply