• Fri. Mar 13th, 2026

Dhaabbanni gargaarsaa  Mootummoota Gamtoomanii, uummanni Gaazaa dhibbeentaan 40 ‘balaa beelaaf saaxilamòo dha’ jedhe

Dec 29, 2023

ONM-ABO Muddee 29, 2023

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii baqattoota Falasxiiniif gargaarsi gahaan Gaazaa marfamte keessa akka hin seenne himuun, kunis kan ta’e Israa’el konkolaattonni gargaarsaa baay’ee barbaachisan gara naannoo sanaa akka hin seenne dhorkuu isheetiin yoo ta’u, sababa kanaanis uummatni Gaazaa  dhibbeentaa 40 “balaa beelaaf” akka saaxilamu taasiseera jedhe.

Ejensiin Gargaarsaa fi Hojii Mootummoota Gamtoomanii Baqattoota Falasxiin (UNRWA) Kamisa kaleessaa  akeekkachiisa kenne haaromseera. Naannoon marfame kun “beela balaa guddaa geessisu waliin wal’aansoo qabaa jira”, sababiin isaas boombiin Israa’el dhaabbachaa akka hin jirre kaasuni.

Guyyaan hundi qabsoo lubbuun jiraachuu, nyaata argachuu fi bishaan argachuudha,” jechuun daayreektarri dhimma UNRWA Gaazaa Toomaas Waayit X, duraan Tiwiitara jedhamuun beekamu irratti caqaseera.

”Dhugaan jiru garuu, gargaarsa dabalataa nu barbaachisa. Abdiin hafe dhukaasa dhaabuu namoomaa qofa,” jechuun ejensichi X irratti ibseera.

“Goolama guutuu” Israa’el erga waraanni Onkoloolessa 7 jalqabee, fi uggura waggootaaf ta’e hordofuun, Falasxiinota Gaazaa keessa jiran nyaata, bishaan, boba’aa fi qoricha dhabsiiseera.

Torban darbe Manni Maree Nageenyaa  Mootummoota Gamtoomanii harkifannaa guyyootaa hedduu  booda gargaarsa dabalataa Gaazaaf kennamu irratti murtii dabarsee ture, garuu gareewwan gargaarsaa fi leelliftoonni mirgaa murtee kana “haala nama gaddisiisuun gahaa miti” fi “hiika kan hin qabne jechuun ni danda’ama” jechuun ibsaniiru.

Haleellaan qilleensaa,  meeshaan waraanaa fi lolli manaa manaa magaalaa kibbaa Khan Younis keessatti ulfaataa ta’eera. Dubbi himaan Ministeera Fayyaa Gaazaa Ashraf al-Qudra sa’aatii 24 darban keessatti haleellaa guutuu naannoo sanaa keessatti raawwatameen “maatii guutuu dabalatee” namoonni 200 ol du’uu isaanii gabaaseera.

UN akka jedhetti namoota Gaazaa miliyoona 2.4 keessaa dhibbeentaan 80 ol mana isaanii irraa ari’amuun gaaddisa dhiphoo yeroof ta’u magaalaa Raafaa fi daangaa Masrii irratti ijaarrachuun jiraachaa akka jiran Aljazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading