• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Harargee lixaa onoota hedduu keessatti leenjii guyyaa shanii jechuun uummata dararaa jiraachuu jiraattotni dubbatu 

Dec 30, 2023

ONM-ABO Muddee 29, 2023

Muddee 28, 2023 irraa jalqabuun godina Harargee lixaa onoota akka Odaa Bultum, Mi’eessoo, Xuulloo, Doobbaa, Shanan Dhuuggoo fi kanneen kana fakkkaatan keessatti gareen maafi’aan PP sochii duula waraanni bilisummaa Oromoo kallattii maraan ibidda itti qabsiisee jiruun manca’uun, akasumaas siyaasaa fi dinagdeenis kufee jiraachuu isaa hubachuun,deebisee of ijaaruuf olola rakasaan leenjii guyyaa shanii jechuun kaadiroonni isaanii uummatatti bobba’uun namoota hiraarsaa Jiraachuun beekame.

Kaayyoon wal-gahiichaas Impaayera dinagdee fi siyaasaan kufe Itoophiyaa bararuu jechuun akkaata itti hawaasni hirmaataa wal-gayichaa maallaqaa fi sochii duula waraanaan koloneel Abiy Ahimad bira dhaabbatu akka ta’e hirmaatan wal-gahiichaa ONM dubbise Ifoomseera.

Dabalataanis murni mootummaa ofiin jedhu saamichaaf waraana hawaasatti bobbaasu bilxiginnaan,gama birootiin onootuma kanneen keessatti dargaggoota dirqamaan leenjii humna waraanatti guuraa jiraachuu isaa kanaan dura gabaasaa turuun keenya akkuma yaadatamu,ona shanan Dhuuggoo araddaa Dukkana Ibsaa keessatti gaafa Muddee 25, 2023 abbootii maatii nama lama kan maqaan isaanii Mohaammed Adamee jedhamu fi Kadiir Alii jedhamu sababa isaan ilmaan keenya dirree du’aatti hin ooftan jedhan qofaaf rasaasaa itti roobsuun akka ajjeesaan beekameera.

Leave a Reply