ONM-ABO Muddee 29, 2023
Rakkoon Siyaasaa Itoophiyaa keessaa jijjiiramuu dadhabuu irraan Kan ka’e ilmaan Oromoo biyyoota adda addaatti baqataa kan turan yoo ta’u, yeroo ammaas rakkoon hanga lubbuu isaanii dhabuu fi jireenyi isaanii guutuun mana hidhaa ta’ee mul’achuun qaamota mirga namoomaa isaaniif birmatu dhabuun hiraarfamaa jiru.
Haaluma kanaanis mooraa baqattootaa naannoo daangaa Itoophiyaa fi Sudaan gidduutti argamu Matammaa irraa jiraata tokko kan dubbisne yoo ta’u,rakkoon ulfaataan nurra ga’aa jira jechuun mooraa Matammaa keessatti sabaa fi sablamoota hedduu dabalatee uummanni biyya Sudaan irraa baqatan illee ni argamu jechuun kan ibsu,garuu dararaan ulfaataan ilmaan Oromoo irratti ta’a jiru afaan Oromoo dubbachuun iyyuu yakka nutti ta’ee jira jechuun ibsa.
Dabalataanis haalli fayyadama nyaataa,rakkoo uumuun mooraa keessaa baatee nyaata bitachuu hin dandeessu, nyaatni ammoo daa’immanii fi dubartoota qofaaf kennama jechuun Kan himu jiraataan kun, uummanni Oromoo nuuf birmaadhaa jireenyi nutti ulfaatee jira, sagalee nuuf ta’aa Oromoon biyyoota adda addaa jirtanii fi Impaayera Itoophiyaa keessatti argamtan jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.




