ONM-ABO Muddee 29, 2023
Ajjeechaan lammiilee nagaa irratti gaggeeffamaa jiru haaluma kanaan dura gabaasaa turreen jabaatee itti fufuun, Oromiyaa keessatti lubbuun namootaa gara jabeenyaa loltoota PPn darbaa jira.
Haaluma kanaanis, lixa Oromiyaa godina lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu magaalaa Goorii ganda 01 naannoo Qilxuu Guluu jedhamutti dheengadda muddee 27, 2023 galgala namni nagaa abbaan maatii maqaan isaa Faqqadaa Gammachuu jedhamu loltoota faashitii Bilxiginnaan ajjeefamuu maddeen dubbataniiru.
Akka maddeen jedhanitti loltootni sirnichaa galgalarraa erga gara qe’ee namicha kanaa deemaniin booda mana keessaa gadi baasanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii kan deeman yoo ta’u, namni kun garuu nama hirmaannaa siyaasaa hin qabneefii maatii isaa jiraachisuuf carraaqaa oolu ta’uu ONMtti himaniiru.

