• Sun. Mar 15th, 2026

Kibba lixa Shaggar aanaa Tolee magaalaa Baantuu keessatti waardiyyaa humna ibsaa kan ta’e tokko hidhattootni sirnichaa ajjeesuu maddeen himan

Dec 30, 2023

ONM- ABO Muddee 30, 2023

Ilmi namaa Oromiyaa keessatti hanga bineensaayyuu kabaja dhabuun hidhattoota sirnichi hawaasa nagaatti bobbaaseen guyyaa guyyaan dhiigni namootaa dhangala’aa oola.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Muddee 28, 2023 kibba lixa Shaggar aanaa Tolee magaalaa Baantuu keessatti waardiyyaa humna ibsaa kan ta’e maqaan isaa Asaffaa Laggasaa jedhamu hidhattootni sirnichaa gaaffii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii biraa deemuu maddeen magaalichaa himan.

Namni kun nama hojii waadiyyummaan maallaqa achii argatuun ofii fi maatii isaa jiraachisu malee nama siyaasa keessaa qooda hin qabne ta’uu maddeen kun himuun, sirnichi namoota nagaa ajjeesuun isaa kun uummatuma Oromoo lafa irraa balleessuuf waan karoorfateedhas jedhan.

Magaalichuma keessatti ajjeechaa malee fi saamichi bifa garaa garaan hawaasa irratti raawwatamaa akka jiruu fi namuu balleessaa osoo hin qabaatin maqaa waraana bilisummmaa Oromoo deggartu jedhu bira qabuun mana hidhaatti darbaa jirus jedhan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading