• Fri. Mar 13th, 2026

WBOn godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti diina adabe

Dec 31, 2023

ONM-ABO Muddee 31, 2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn waraana weerartuu PP irratti tarkaanfii laalessaa fudhachuu itti fufuun aanaa Qondaalaa keessatti diina adabeera.

Korommiiwwan ilmaan Oromoo WBOn ganama har’aa Muddee 31 waraana faashistii PP godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Kollii Carbaa bakka Carbaa jedhamtu buufattee jirtu mooraa isheetti ol itti seenuun dhukaasaan macheessee akka kanniisaatti rasaasaan hiddee 55 battalatti du’aan yoo adabu 79 madeessee jira.

Lola gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ganama kana mooraa diinaa Kollii Carbaa irratti geggeesseen kanneen du’anii fi madaa’an malee meeshaan Isnaayippera 1, qawwee AKM 50 ol, rasaasa, reenjarii hedduu fi meeshaalee garaagararaa irraa booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoo galii taasisee jira.

Waraanni Abiy Ahimed lola kana irraa hafte madoo ishee guurrattee kotte na baasiin gara magaalaa Qondaalaatti galtee jirti.

Tarkaanfii WBOn fudhatu hanga bilisummaatti itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading