ONM-ABO Amajjii 1, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo guyyaa kabajamaa Amajjii 1 Guyyaa WBOtti waraana faashistii PP irratti tarkaanfii fudhachuu itti fufuun diina du’aa fi madoon adabee mooraa ishee keessaa buqqisaa jira.
Akka kanaanis har’a Amajjii 1, 2024 ganama irraa qabuun humna diinaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa magaalaa Qaaqee qubattee jirtu irratti tarkaanfii laalessaa fudhachuun rasaasaan waadee, baarudaan macheesee, olii fi gadi magaalicha keessa ari’uun 45 ajjeesuun 59 madeessee jira.
Tarkaanfii har’a mooraa waraana PP magaalaa Qaaqee irratti fudhatameen qawwee 25 fi rasaasa 2000 irraa hiikee jira.
Yeroo gabaasni kun qindaa’etti magaalaa Qaaqee keessaa buqqisee magaalicha yoo dhuunfatu, waraanni faashistii PP magaalota ollaatti baqattee jirti.
Guutuu gabaasa kanaaf walitti deebina.
Injifannoon Uummata Oromoof !
