ONM-ABO Amajjii 1, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn humna garboomfataa Oromiyaa keessaa buqqisee bilisummaan uummata isaa qananiisuuf qeerroo fi qarree garbummaatti xumura gochuuf lubbuu isaanii tokkitti aarsaa gochuuf murteeffatan ofitti fudhatee leenjii kenneefii bobbaasuu itti fufee jira.
Haala kanaanis kaleessa Muddee 31, 2023 jaarmiyaan ABO-WBO Zoonii Bahaatti ilmaan Oromoo ofirra saba isaaniif of kennan dirreetti simatee leenjii waraanummaa fi siyaasaa bilchinaan kennuufiin jalabultii Amajjii 1 Guyyaa WBO irratti sirna hoo’aan eebbisiisee dirqama dachaaf bobbaasee jira.
Eebba Cibraan Sooressa Jaarraa Abbaa Gadaa geggeesse kana irratti miseensotni WBO gameeyyiin kan argaman yoo ta’u, hogganni waraana WBOs ergaa barbaachisaa eebbifamtootaaf dabarsee jira.
Eebba kanas marsaa Tokkummaa Sabaa jechuun moggasanii Zoonii seena qabeessa, lafa sagalee bilisummaa fi dudhaan Jaal Elemoo Qilxuu irraa ifu akka jabeessan ibsaniiru.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo dhaaba isaa ABO-WBO jalatti uummata isaa ijaaraa, humna diina caccabsaa fi qabsaa’ota bilisummaa hedduu ofitti fudhatee leenjisee eebbisiisuu akka itti fufu hubachiisuun, warreen WBO balleessineerra harka kennachiisaa jirra jedhan siyaasa yeroon irra darbee fi dhaabbate hafetti fayyadamaa jiraachuu dubbataniiru.

