• Tue. Sep 1st, 2026

Kirkirri lafaa humna 6.5 naannoo Indooneezhiyaa Paapuwaa keessaa kutaa tokko raase 

Jan 1, 2024

ONM-ABO Amajjii 1, 2024

Kirkirri lafaa cimaan naannoo baha Indooneezhiyaa Paapuwaatti Dilbata ganama raasus miidhaa cimaan ykn lubbuun namaa darbuu battalumatti hin gabaafamne.

Qorannoon Ji’ooloojii Ameerikaa akka jedhetti kirkirri lafaa guddina 6.5 qabu kun kaaba baha Abepuraa, kutaa xiqqaa magaalaa guddoo bulchiinsa Paapuwaa Jayapuraa keessatti argamu irraa kiiloo meetira 162 (maayilii 101) giddu galeessa godhate gadi fageenya kiiloo meetira 10 (maayilii 6) irratti ta’e.

Ejensiin Meetirooloojii, Qilleensaa fi Ji’oofiiziksii Indooneezhiyaa balaan sunaamiin mudachuu danda’u akka hin jirre ibsuun kirkirri lafaa kun lafa giddu galeessa godhatee waan jiruuf kirkirri lafaa biroon mudachuu akka danda’u akeekkachiiseera.

Akka Wiirtuun Akeekkachiisa Sunaami Paasifikii Hawaayitti argamuutti balaan sunaamii kirkira lafaa kanaan dhufu hin jiru.

Baay’ina uummataa 62,250 qofa kan qabdu Abeepuraan magaalota Indooneezhiyaa baay’ina uummataa xiqqaa qaban keessaa tokkodha. Ji’a Guraandhala keessa kirkirri lafaa gadi fagoo kan biraa bulchiinsa kana raasee, namoonni afur mana nyaataa galanatti caccabe jalaa miliquu dadhabuun du’aniiru.

Indooneezhiyaan, odola bal’aa namoota miliyoona 270 ol qabdu, sababa geengoo abiddaa arkii Paasfik irratti argamtuuf  kirkira lafaa fi volkaanoon rukutamti.

Kirkirri lafaa humna 5.6 qabu Sadaasa 21 magaalaa Jaavaa Dhiha Sihanjur keessatti yoo xiqqaate namoota 331 ajjeesuun gara 600 madeesse. Erga bara 2018 kirkira lafaa fi sunaamii Sulawesi keessatti mudateen lubbuu namoota gara 4,340 galaafatee booda balaan  Indooneezhiyaa keessatti lubbuu namootaa galaafate isa guddaa ture.

Bara 2004tti kirkirri lafaa humna guddaa qabu Galaana Hindii biyyoota kudhan keessatti namoota 230,000 ol kan ajjeese yoo ta’u, irra caalaan isaanii bulchiinsa Indooneezhiyaa Acheh keessatti jechuun The Star gabaasee jira.


Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading